ONM-ABO Fulbaana 6, 2024
Tibba kana ammoo caasaa olii kaasee hanga gadiitti jiran murni Bilxiginnaa marii walii kennaa turuu fi maree isaanii kanaanis ilmaan haadha hiyyeessaa dirqamaan gara ibidda laboobaatti oofuuf kan jiranii fi hawaasa nagaa qaala’iinsi jireenyaa humna isaa ol ta’e kana saamuuf karoora baafatanii socho’uun beekameera.
Murni nama nyaataan saamichaaf bobba’ee haadha hiyyeessaa boosisaa fi haadhaaf ilmoo addaan baasaa qe’ee Oromoo irraa gaddaa fi gadadoon akka hin fagaanne afaan qawween raawwachaa jira.
Haaluma kanaan Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraatti Kaadiroonni PP maqaa caasaa ijaaruu jedhu dahoo godhachuun uummata saamuuf Kibxata darbe Fulbaana 3, 2024 namoota 166 muuduun saamichaaf gara ganda baadiyyaatti ergaa jiraachuu maddeen keessoo isaanii ONM’tti himan.
Oduuma wal fakkaatuun aanichuma ganda 02 keessatti guyyaa kaleessaa Fulbaana 5, 2024 waraanni Bilxiginnaa tokko mooraa keessaa miliquun hawaasa irratti saamicha daangaa hin qabne raawwatee badee jiraachuus jiraataan gocha kana ijaan arge ibsee jira.

