ONM-ABO Adoolessa 27, 2024
Bilxiginnaan amma hojiin isaanii hin jirre afaaniin damma roobaa harka isaaniitiin immoo garmalee uummata irratti gochoota suukkaneessoo adda addaa raawwachuun kan beekaman lukkeeleen bilxiginnaa, godina Qeellam Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraatti hawaasa nagaa doorsisaa jiraachuun beekamee jira.
Ganda Karra Jannoo jedhamu keessatti Adoolessa 22, 2024 aanaa irraa dhaquun “waajjira gandaa banna” jedhanii hawaasa walga’ii baasuun “ganda waggaa lamaa fi baatii sadii oliif diigamee ture, dirqiin ijaaraa, yoo hin ijaartan ta’e tarkaanfii seeraa isin irratti fudhanna jechuun doorsisaa turuu maddeen keenya ifoomsan.
Bulchaan gandichaa nama Shoomaa Shaashuree jedhamu, ittaanaa isaa nama Namee Kabbadaa jedhamuu fi nageenya gandichaa nama Injiguu Maammoo waliin ta’uun uummata gandichaa kanneen dararaa kan jiranii fi yeroo ammaa kanas hawaasni yaaddoo guddaa keessa jiraachuun beekamee jira.

