Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraatti waraanni murna PP, namoota sadii madeessuun nama tokko ajjeesan

ONM-ABO Hagayya 23, 2024 

”Kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee niitii dhaane” akkuma jedhan loltoonni murna gabroomfataa PP dirree irratti Waraana Bilisummaa Oromoo mo’achuu dadhabuun uummata Oromootti as garagaluun haaloo bahachuu akkuma itti fufanitti jiru.

Haaluma kanaan, godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraatti waraanni maafiyaa PP, namoota afur ajjeesuun himame.

Lola Waraana Bilisummaa Oromoo fi loltoota Abiy Ahimed gidduutti guyyaa dheengaddaa naannoo aanichaatti geggeeffame irratti Waraanni Bilisummaa Oromoo ergamtoota diinaa akka baalaatti gadi harcaasuu hordofuun loltoota sirnichaa keessaa kanneen du’aniif sirna awwaalchaa isaanii irratti guyyaa kaleessaa jechuun gaafa Hagayya 22, 2024 dhukaasa banameen magaalaa Qaaqee jedhamu irraa ergaman  PP tokko ajjeefame.

Sababa kanaanis namoota maqaan isaanii:

  1. Tuujubaa Tafarii,
  2. Beekumaa Likkaasaa fi
  3. Qannoo jedhaman rasaasa itti roobsuun haaloo isaa uummatatti bahachuun madeessaniiru.

Tilksitootni Bilxiginnaa kun magaalaa Qaaqee irraa nama maqaan isaa Dirribsaa Raggaasaa jedhamu ammoo  ajjeesuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version