Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama sirnicha ganuun WBO’tti makaman 

ONM-ABO Hagayya 28, 2024

Uummanni Oromoo waggoota baay’eedhaaf humnaan impaayera Itiyoophiyaa keessatti dhiitamee afaan qawween geggeeffamaa akkuma ture har’as murna Bilxiginnaan dararamaa kan jiru yoo ta’u, loltootni Bilxiginnaa dabaa fi cubbuu gareen maafiyaan kun saba Oromoo irraan ga’aa jiru hubachuun mooricha ganaa jiru.

Loltoota sirnichaa kanneen miidhamuun saba isaanii isaanitti dhagaa’amu cunqursaa fi hacuuccaa waraanni faashistii PP saba Oromoo irratti gochaa jiru haadheeffachuun mooraa dabaa hin utubnu jedhanii mooraa sirnichaa keessaa miliquun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanis guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa jira.

Kaleessa Hagayya 27, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa waraanaa magaalaa Muggii irraa loltoonni lama sirnicha ganuun WBO’tti makamuu hooggansa WBO irraa adda baasuun dandaa’ameera.

Loltoonni kunneen meeshaa waraanaa qawwee AKM 2,  rasaasa AKM 160, gumbii 8 fi odeeffannoo waraanaa qabachuun mooraa sirnichaa keessaa gananii gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti akka makaman ibsameera.

Loltoonni kunneenis gocha sirni bilxiginnaa Oromoo irratti gochaa jiran seenaanis ta’e seeraanis hammina gara jabinaan raawwachaa jiraniif itti gaafaatamummaa jala akka jiranis himan.

Xumura irrattis hammina waraanni faashistii PP Oromoo irratti gochaa jiru hunduu duguuggaa sanyii guddaa waan ta’ef ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessa jirtan yeroon gara WBO’tti dabalamaa jechuun dhaamsa isaanii dabarsaniiruuf.

Exit mobile version