Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horrootti gudeeddii, hidhaa fi saamicha hammeessan

Waraanni faashistii PP Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horrootti gudeeddii, hidhaa fi saamicha hammeessan.

ONM- ABO Hagayya 23,2022 Ergaa Abiy Ahimed qabsoo uummata buutuun aangootti ol ba’ee dararaan uummata Oromoo irratti rawwaatu kan jabaate yoo ta’u keessayuu erga obbo Shimallis Abdiisaa naannoo Amaaraa irraa daboo waraanaa waammachuun waraana naasuu uummataaf hin qabne Oromiyaa godinaale hedduutti bobbaasanii saamichii, hidhaa, gudeeddii fi ajjeechan uummata Oromoo irra ga’u daangaa darbuun jiraattotatti jireenya hadheesseera.

Akka kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Tibbee keessatti Hagayya 21,2022 waraanni bilxiginnaa buufata fayyaa gandicha keessa qubsiifaman Shamarree Badiree Baaca Shuuramoo jedhamtu gareen gudeeduun rakkoo fayyaa qaamaaf saaxilu maddeen gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaattii himaniiru.

Waraanni goolessituu PP kun maqaa sakattaa WBO jedhuun bobba’uun Qeerroo Oromoo adamsani qabuu kan aadeffatan yoo ta’u onuma Jimmaa Horroo ganda Warra Leeqaa irraa nama maqaan isaani Abdoo Jibirilii fi Dagguu Geetaahuun jedhaman qabuun hidhanii jiraachunis beekameera.

Dararaan waraana sirna PPtiin uummata Oromoo irra ga’u ittuma fufuun Hagayya 20,2022 ona Jimmaa Horroo ganda Tiillee jedhamtu keessatti obbo Jibiraa’il nama jedhaman jala madaala hangaa tokko, obbo Najaat Shaddil jala sangaa tokko saamun cinaatti Abduljabbaar Suleemaan maanguddoo ganna 70, Hasan Bakar, Adam Umar, Ismaa’il Umar, Adam Doobbaa kanneen jedhaman ammoo mana jireenyaa isaaniitii qabuun aanaa Gaawoo Qeebbee bulchiinsa magaalaa Arroojjii keessatti geessuun WBO qabne jedhanii gabaa keessa naannessaa turuus maddeen dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version