Godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo keessatti ilma Oromoo tokko yoo ajjeesan, Jimmaa Horrootti daldaltoota dukkaana cufsiisaa jiraachuun barame.
ONM-ABO Hagayya 22,2022 Sirni nama nyaataan impaayeera Itoophiyaa hidhaa fi ajjeechaa hojii idilee godhachuun ilmaan Oromoo maqaa garaagaraa itti maxxansuun hidhuu fi warreen hidhanis mana hidhaatii baasuun ajjeesee reeffa gataa jira.
Haala kanaanis Kamisa darbe Hagayya 18, 2022 godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo mooraa ganda Yettiitti uummata Oromoo akka dararaniif kan qubsiifaman waraanni sirna bilxiginnaa qeerroo maqaan isaa Musxafaa Qannoo Shibaruu jedhamu ajjeesun reeffaa isa bineensa nyaachisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaattii himaniru.
Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa maddeen irraa qulqullefatetti Musxafaa Qannoo torban lamaa oliif mooraa ganda Yettii keessatti erga dararaa turaniin booda halkan mooraa sana baasuun ajjeesanii erga reeffaa isa bineensa nyaachisaniin booda maatiin isaa nyaata geessaanifii oggaa gaafatan nuti hin beeknu jechuun maatii of duuba deebisuu dubbataniiru.
Oduu biraatiin ammoo godinuma Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo ganda Warra Baabboo keessatti Hagayya 21,2022 eyyama daldala hin qabdan jechuun dukkaana gandicha hedduu cufsiisaa ooluu maddeen gamasii ifoomsaniiru.
Waraanni sirna faashistii PP kun tarsiimoo ittiin uummaticha saamuuf qopheeffataniidha malee daldaltoonni cufti eyyama daldalaa akka qabanis dabaluun addeessaniiru.

