Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horrootti waraanni maqaa uummata Amaarae eegnan qubsiifaman uummata Oromoo hojii qonnaa dhorkuun dararaa jiru

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Jimmaa Horrootti waraanni maqaa uummata Amaarae eegnan qubsiifaman uummata Oromoo hojii qonnaa dhorkuun dararaa jiru.

ONM-ABO Hagayya 6,2022-Impaayeera Itoophiyaa keessatti ilmaan Oromoo hojii garaagaraa hojjatanii jireenya isaanii fooyyeffachuun murna uummata Oromoof jibba qabu bilxiginnaa biratti mata dhukkubbii guddaa ta’ee jira.

Haaluma kana hordofee godina Qellem Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo ganda Warra Baabboo keessa kan qubsiifaman waraanni sirna balfamaa PP kun uummata hidhuu fi saamuu akkasumas gudeeddii haawwanii fi shamarranii hammeessuun cinaatti Hagayya 2,2022 irraa kaasun hojii qonnaa uummata dhorkuun uummatni Oromoo midhaan nyaatan akka of hin dandeenye gochaa jiraachuu maddeen himaniiru.

Akka jiraataan gandichaa bilbilaan dubbisne jedhetti , isin Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachiftu kanaaf ammaan booda hojii misoomaa murni bilxiginnaa karoorsu male namuu hojii qonnaa isaatti akka hin bobbaane waraannii fi miliishoonni PP dhorkuu ifoomseera.

Murni kun umrii impaayeerattii dheeressuuf waan ifaajaa jiruuf maqaa waajjira ijaaruun mukaa fi qorqorroo fidaa jechuun uummata dararuu dabalatee caasaa murna bilxiginnaa deebisna jechuun uummata dirqiisiisaa jiraachunis barameera.

Waraanni weerartuu Abiy Ahimed kun gudeeddii akka malee waan hammeessaniif haawwanii fi shamarran ollaa fi gandicha keessa jiraatan sochii ugguramuun mana keessa oolaa jiraachuunis barameera.

Waraanni naasuu dhala namaaf hin qabne kun Hagayya 3,2022 onuma Jimmaa Horroo ganda Gomboo garee Ambashaa jedhamu keessatti nama dhukkubsataa gatiitti battachuun mana qorichaattii geeffacha jiran irratti dhukaasuun uummata nagaa shororkeessanii qeerroo Aliyyii Shepheeraa Mirreessaa jedhamu qabuun erga reebaniin booda hidhuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ibsaniiru.

Exit mobile version