ONM-ABO Ebla 17, 2024
Sirni maanguddootaaf kabaja hin qabne bilxiginnaan namoota umriin isaanii waggaa shantamaa fi isaa ol ta’an maqaa siyaasaa itti maxxansuun ajjeechaa, hidhaa fi reebicha hamaa irratti raawwachuun qaama hir’uu taasisuun dararaa jiru.
Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 16, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Diillaa Waayyuu iddoo addaa Bagguu jedhamutti hidhattootni sirnichaa manguddoota lama kanneen maqaan isaanii Girmaa Hambisaa nama umrii, 55 fi Mokonnon Katamaa nama umrii 70 qabuun miillaaf harka isaanii erga caccabsaniin booda kana irratti rasaasa hin balleessinu jechuun, ajjeefnerra jedhanii riqicha jalatti gatuu jiraattotni ibsan.
Maanguddoonni kunneen lubbuun kan hafan yoo ta’u qaamni isaanii guutummatti kan caccabee fi iji isaaniis kan miidhame akkasumas ammaaf du’a jalaa oolanis haalli isaan keessa jiran yaadessaa ta’uu ibsan.
Maanguddoonni kunneen akka jaarsa biyyaatti namoota wal lolan walitti araarsuun kan beekaman yoo ta’an namoota umrii kanatti siyaasa hin beekne ta’uus jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

