Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti namni nagaan tokko ajjeefamuun qabeenyi isaa mana lama dabalatee gubachuu fi saamamuun dhagaa’ame

ONM-ABO Ebla 13, 2024

Gara jabeenyi murna bilxiginnaa fi hidhattoota isaaniin uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru uummaticha abdii kutachiisuu fi egeree isaaniif yaaddeessaa ta’uu jiraattootni ONM dubbise dubbatan.

Sirna kanaan taateen Oromiyaa keessatti adeemaa jiru abbaa ajjeesanii qabeenya socho’aa saamuun manneen ammoo gubuun barbadeessanii hiree maatii sanaa balaa keessa galchanii jiru.

Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 12, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Diillaa Waayyuu bakka Qorbee Qarabee jedhamutti nama nagaa Takiluu Masfiin jedhamu abbaa maatii hidhattootni sirnichaa qe’ee isaatti rasaasaa itti roobsuun ajjeesan.

Obbo Takiluu erga qe’ee isaa keessatti ajjeesanii booda mana lama mi’a mana keessaa waliin jalaa gubanii yoo barbadeessan doqdoqee tokkos jalaa fudhatanii jiru.

Maatiin isaa yeroo ammaa bakkeetti faca’anii akka jiran ibsuun, nama nagaa hojii qonnaa dalaguun jiraatu akka kana gochuun isaanii waan egeree sabichaaf yaaddeessaa ta’uudhas jedhaniiru.

Exit mobile version