Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti waraanni PP maatii qabsaa’ootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo yeroo dheeraaf hidhanii hiraarsaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Sadaasa 15, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbee Waajjira Poolisii magaalaa Qeebbee keessatti waraanni Bilxiginnaa maatii qabsaa’ootaa fi sabboontota ilmaan Oromoo ji’oota hedduuf hidhanii murtii seeraa tokko malee hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, kaadiroonni fi waraanni PP waliin ta’uun gandoota Aanichaa cufa keessaa maatii Qabsaa’ootaa fi sabbontoota baayi’inni isaanii 80 ol ta’an afaan qawween uukkaamsanii gara Waajjira Poolisii aanichaa geessuun murtoo seeraa tokko malee hidhanii ji’oota hedduuf hiraarsaa turuun dhukkubootaa garaagaraa fi beelaaf saaxilanii haala akkan ulfaataa keessa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.

Murni Bilxiginnaa bakkeewwan garaagaraatti ilmaan Oromoo sobaan yakkee jumlaan hidhuun sarbamiinsa mirgoota namoomaa irratti raawwachuun, kaan immoo qe’ee fi qabeenya isaanii irratti ajjeesuun diinummaa saba Oromootiif qabu ifatti mul’isaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version