Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Namootni lama  godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee fi Gidaamii keessatti  waraana faashistii PPn ajjeefaman

ONM-ABO Muddee 26, 2023

Waraanni murna maafi’aa PP ilmaan Oromoo badii tokko malee ajjeesuu itti fufuun dheengadda Muddee 24, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Harroojjii Hobootti daa’ima umrii 12 Nagaasoo Taammiruu Baqqalaa jedhamu ajjeesan.

Daa’imni kun naannoo qe’ee isaaniitti badii tokko malee rasaasaan rukutamuun kan ajjeefame yoo ta’u, gocha badii ajjeechaaf isa saaxilu tokkollee hin raawwanne.

Waraanni Abiy Ahimed godinichuma aanaa Gidaamii ganda Maleekkoo Manaamoo jedhamutti ijoollee waggaa 16 Saadiq Musxafaa Ayyaanaa jedhamu qabanii erga dhabamsiisaniin booda kaleessa Muddee 25 du’eera jedhamuun maatiin boo’ee gadda taa’uun barameera.

Bulchiinsa Abiy Ahimed jalatti maaliif ajjeefamnaa fi waraanni haa ga’u jechuun kan nama ajjeesisuu fi hiisisu ta’uun kan beekamu yoo ta’u, xumura baatii Sadaasa darbee kana ganduma Maleekkoo Manaamoo keessatti amantoota 9 waldaa Kiristaanaa Makkaana Yesuus keessaa fudhanii ajjeesuu gabaasnee turre.

Exit mobile version