ONM-ABO Muddee 25, 2023
Murni maafi’aa PP aangoo isaa jabeeffachuuf Oromoon farra taayitaa kiyyaati jechuun gocha suukanneessaa ajjeechaa, saamicha, hidhaa, manneen jalaa gubuu fi buqqisuu tooftaa waraanaa godhatee erga sabicha irratti hojjechuu jalqabee bubbuleera.
Jimaata darbe galgala Muddee 22, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Soyii keessaa qotee bulaa abbaa ijoollee 6 obbo Yoonas Tarfaa jedhamu mana isaatii gadi baasuun ajjeesan.
Ergamtootni Abiy Ahimed barcuma isaa tiksuuf bobbaafaman Jimaatuma darbe kana godinichuma aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Shimalaa keessatti saamicha manneen daldalaa fi manneen qotee bultootaa irratti raawwachuun maallaqa, midhaanii fi meeshaalee dukkaana keessatti argaman badii tokko malee saamuun barameera.
Sirni ifatti ni lollaa kanaaf meeshaa bitanne jechuun duula waraanaa uummata irraa dhaabuu akka hin feene irra deddeebiin dubbatu bilxiginnaan dararaa hiriyyaa hin qabne hawaasa irratti raawwachaa jiru faallaa isaa maqaa dookumentarii jedhuun hojii isaa kan qaama biraa taasisee saalfii malee TVn tamsaasee turuun ni beekama.

