ONM-ABO Sadaasa 13, 2025
Godina Qellem Wallaggaa aanaalee garaagaraa keessatti tibbana sababa miliishaa, riphee lolaa fi raayyaa ittisa impaayerattiif barbaachistu jedhuun uummata fedhii isaanii malee jumlaan ukkaamsanii gara dirree leenjiitti guuraa jiraachuu jiraattonni onichaa Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf addeessanii jiru
Haaluma kanaan gaafa Sadaasa 11, 2025 aanaa Yamaalogii Walal ganda Laaloo Udoo keessatti jiraattota bakka addaa Udoo Barcumaa kan ta’an namoota maqaan isaanii:
- Obbo Tafarii Guddataa,
- Gochoo Tasfaa fi
kan biroo lama hidhattoonni sirnichaa milishaa fi farra riphee lolaa jedhaman dirqisiisanii mana isaaniitii qabuun gara dirree waraanaatti ergaa jiru.
Dabalataanis gaafa Sadaasa 10, 2025 jiraattotuma aanichaa ganda Akuukkuu kan ta’an namoota maqaan isaanii:
- Obbo Mulugeetaa Gadaa,
- Obbo Zalaalam Mollaa fi
- Obbo Iggazuu Maammoo
jedhaman dirqama afaan qawween ukkaamsanii gara dirree leenjii waraanaa sirnichaatti erganiiru.
Godinicha aanaalee garaagaraa keessatti duulli uummata dirqamaan guuranii gara dirree waraanaatti erguu kun haalaan keessatti babal’atee jiraachuu kan himan jiraattonni, Sanbata darbes godinichuma aanaa Gabaa magaalaa Machaaraa keessatti uummata gabaa dhaqachuuf manaa bahe jumlaan qabanii yoo xiqqaate konkolaataa 7 ol fe’aniiru.
Kana malees namoota ukkaamsamanii fe’aman kanneen qabeenya isaanii horii fi maallaqa dabalatee qabeenya adda addaa saamaa kan turan oggaa ta’u, kanuma hordofee qonnaan bulaan dirqamaan qabamee fe’amuuf ture tokko waajjira bulchiinsa magaalaa Machaaraatti qabattoo kofoo isaatiin of rarraasee lubuun isaa kan oole yoo ta’u, haalli fayyummaa isa yeroo amma yaaddessaa ta’uus isiniif gabaasnee turuun keenya kan yaadatamudha.

