Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraatti ergamtoonni Bilxiginnaa konkolaachiftoota irratti saamicha raawwatan

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen dantaa dhuunfaa isaanii qofa dursiifachuu baran, saamicha hawaasa irratti raawwatan jabeessuun, Bitootessa 6, 2025 irraa eegalee daandiitti ba’anii maqaa “dhukkubsattoota gargaarra” jedhuun saamicha raawwachuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Kaabinoonni Bilxiginnaa kunneen dhukkubsattoota gargaaruu yaadanii osoo hin taane, harki isaanii saamicha waan bareef tooftaa baafatanii dhukkubsattoota da’oo godhachuun konkolaachiftoota:

Aanicha hunda irraa lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan jiranii fi yeroo ammaa kanas konkolaachiftoota qarshii jedhame kaffaluu didan reebicha, hidhaa fi ajjeechaan tarkaanfii fudhataa waan jiraniif sodaatanii kaffalaa jiraachuun bira ga’amee jira.

Exit mobile version