Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana -Sibuutti, loltoonni imphaayera Itoophiyaa konkolaachistoota irratti saamicha raawwatan

ONM-ABO Adoolessa 24, 2024

Waraanni faashistii PP dantaa fi faayidaa dhuunfaa isaanii qofa durfachuun ilmaan Oromoo  afaan qawwee itti qabuun  waan fedhii isaanii argachuuf dirqamsiisanii hawaasa irraa fudhachaa kan jiran yoo ta’u, godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuutti loltoonni sirnicha tiksan kun konkolaachistoota irratti saamicha raawwataa jiraachuun ibsameera.

Waraanni faashistii PP kun, Konkolaataa fe’isaa daandii magaalaa Mandii keessa qaxxaamuruun gara magaalaa Asoosaa deemu hunda “nageenya keessan eegna” jechuun konkolaachistoota hunda irratti tokkoo tokkoo konkolaataa irraa qarshii 1,000 humnaan saamaa jiraachuu maddeen keenya eeran.

Konkolaachisaan maqaan isaa akka dha’amu hin barbaanne tokko akka jedhetti, “kana dura konkolaataa keenya waraanni Bilxiginnaa waardiyyaa itti nuuf ba’ee nu deemsisaa hin turre. Gara fuula duraattis qaamni  konkolaataa keenya nuuf tiksu hin jiru. Raayyaa Ittisa Imphaayerattii kanneen ofiin jedhan immoo ‘nageenya keessan eegna’ jechuun konkolaataa fe’isaa tokko irratti qarshii 1,000 nurraa saamaa jiru jechuun irra deddeebiin kaffalaa jiraachuu hima.

Kana malees, maqaa gosa kaffaltii adda addaa nutti dhahuun ittisa ijaarratanii konkolaataa bakka 3 fi isaa olitti nu dhaabsisanii maallaqa nu irraa fuuchaa jiru, waan hojjennu isaaniif kennaa oolla jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version