Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gaawoo Qeebbeetti waraanni faashistii PP qarshii kuma dhibba jahaa fi kuma saddetama konkolaachistoota doqdoqqee fi maatii qabsaa’otaa irraa fuudhuun ibsame

ONM-ABO Amajjii 18, 2026 

Lixa Oromiyaa, Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Gaawoo Qeebbee gandoota akka Qumbaabee Golboo, Malkaa Guddinaa, Hundee Guddinaa fi Ifa Guddinaa jedhaman keessatti, gochawwan hammeenyaa waraana faashistii Bilxiginnaan raawwatamuun itti fufee jiraachuun gabaafame.

Maddi oduu akka ibsutti, gaafa Amajjii 15, 2026, loltoonni Bilxiginnaa namoota doqdoqqee fayyadamuun uummata deddeebisanii jireenya isaanii geggeeffatan, dargaggootaa fi addattuu maatii qabsaa’otaa irraa qarshii Itoophiyaa kuma dhibba jahaa fi kuma saddeettama 6,80,000 ta’u humnaan harkaa fudhataniiru.

Doqdoqqeen kun gara bakka Koyyaan jedhamutti uummata deddeebisaa kan ture yoo ta’u, maqaa “hariiroo WBO qabdu” jedhuun uummata saamaa turuunis ibsameera. Gochawwan kunneen addattuu maatii qabsaa’otaa fi sabboontota irratti xiyyeeffachuun, manneen jireenyaa isaanii irra deemanii saamuun raawwatamaa jira.

Kana malees, gaafa Amajjii 16, 2026 uummata “qabuun loltoonni murna Bilxiginnaa mana Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO nu agarsiisaa” jechuun dirqisiisuun, abbootii warraa shan irratti miidhaa jabaa qaqqabsiisuu isaanii jiraattonni himaniiru.

Miidhamtoota keessaa kanneen maqaan isaanii nu gahe:

  1. Ibsaa Badirii fi 
  2. Mohaammad Bayyaan, 

namoonni kunneen gaafa Amajjii 16, 2026, loltoota kanaan meeshaa saanjaa waraanamuu fi reebamanii miidhaa jabaan qaama isaanii irratti gahuun mirkanaa’eera.

Akkasumas, jiraattota ganda Ilaalaa kan ta’an Haariifee fi Abraamis, gaafa Amajjii 16, 2026 reebamanii saamamuu isaanii gabaasni ni mul’isa.

Uummanni naannoo sanaa sodaa fi rakkoo nageenyaa cimaa keessa jiraachuun, hawaasni idil-addunyaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu gochawwan akkanaa kana akka hordofan waamichi dhiyeeffachaa jiru.

Exit mobile version