Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP godina baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Guutoo Giddaa keessatti konkolaachistoota reebuun saaman

ONM- ABO Muddee 30, 2023

Hidhattoonni murna faashitii PP konkolaachistootan lafa nuti jenne deemaa jechuun reebichaa fi saamicha erga irratti geggeessaniin booda gara fedha isaaniitti geessaa jiru.

Akka kanaanis kaleessa Muddee 29, 2023 godina  baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Guutoo Giddaa magaalaa Ukkee Qarsaa keessatti ergamtootni Abiy Ahimed konkolaachistoota humnaan qabuun gara magaalaa Naqamteetti akka deeman taasisanii jiru.

Waraanni Abiy Ahimed kun konkolaachiftoota dirqama keessan hin deemnu jedhan akka reeban kan himan maddeen, reebichaan alatti qabeenya isaanii saamuun magaalaa Naqamteetti deebi’anii meeshaalee waraanaa fi waraana akka fe’aniif erguu  himan.

Uummanni impaayerattii mirga qabeenya isaanii irratti abboomuu erga dhabanii kan bubbule yoo ta’u, yeroo lola Tigraay konkolaattootni abbootii qabeenyaa dirqama qabamuun deemee osoo hin deebine hafe akka jiru ni beekama.

Exit mobile version