Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Siree fi Guutoo Giddaa keessatti loltoonni maafiyaan PP hawaasa nagaa irratti ajjeechaa fi saamicha raawwachuu hammeessan

ONM-ABO Caamsaa 29, 2025 

Naamusa maleeyyiin loltoota Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobba’uun uummata Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa jiru.

Waraanni maafiyaan PP aanaa Guutoo Giddaa ganda Qixxeessaa iddoo addaa Teelee jedhamee waamamu maadheffachuun hawaasa irraa dhalatan ba’uu fi galuu dhorkachaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kana maqaa deggersa milishaa jedhuun daandii gubbaa dhaabbatanii konkolaachistoota afaan qawwee itti qabuun qarshii 500 irraa fuuchaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees namoota daandii deeman isin fuulli keessan haaraadha jechuun maallaqa fi bilbiloota harkaa irraa guuruun gariin ammoo hidhaa kan jiran yoo ta’u, adeemsi seer-maleessummaa raawwachaa jiru jiraattotatti yaaddoo uumee akka jirus dubbatu.

Exit mobile version