Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti finxaaleeyyiin Amaaraa miliishaa PP tokko ajjeesanii meeshaas irraa hiikkachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Adoolessa 22, 2025 

Hidhattoonni Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafachuun yeroo garaa garaatti kutaalee Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti gochaawwan gara jabinaa uummata harka qullaa irratti raawwatan, Adoolessa 19, 2025 Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda 5’ffaa jedhamu keessatti miliishaa Bilxiginnaa tokko rasaasaan rukutanii ajjeesuun qawwee AKM tokko irraa hiikkatanii deemuu jiraataan gandichaa ONM dubbise ifoomseera.

Milishaan finxaaleeyyii Amaaraa kanaan ajjeefame kun maqaan isaa Magarsaa Asaffaa kan jedhamu yoo ta’u, erga ajjeesaniin boodas qaama isaa irra afaan qawween waraananii deemuun eeramee jira.

Akka jiraataan dubbifne kun himetti, yeroo ammaa kanas jiraattonni gandichaa taatee nama kana irratti raawwateen sodaa guddaa keessa seenuun qe’ee f qabeenya isaanii dhiisanii gara magaalaa Ukkee fi Naqamteetti baqachaa akka jiran ta’uu himuun, warreen nageenya biyyaa eegna ofiin jedhan hidhattoonni sirnichaa inumaayyuu finxaaleeyyii Amaaraa kana uummata irraa dhorkuun haa turuutii, dhiyeessii garaa garaatiin finxaaleeyyii Amaaraa kana tumsaa akka jiran itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version