ONM-ABO Bitootessa 31, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii jedhamu irraa Bitootessa 28, 2025 nama maqaan isaa Daraaraa Tamasgeen jedhamu ergamtoonni sirnichaa ukkaamsuun hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraataan gandichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Akka jiraataan kun himetti, Daraaraan siyaasa tokkollee kan hin hordofne yoo ta’u, loltoonni maafiyaan impaayerattii ammoo maqaa sobaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun yakkanii hidhuu dubbata.
Ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen uummanni Oromoo oggaa isaan balfu afaan qawwee itti garagalfachuun humnaan bulchuuf abbaa irrummaa isaanii ifatti muli’suun, hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, saamichaa fi hidhaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ni beekama.

