ONM-ABO Amajjii 5, 2025
Jireenya gadadoo jiraachuu ilmaan Oromootti kan gammadan ergamtoonni sirna nama nyaataa PP, goleewwan Oromiyaa cufatti akkuma fedhanitti bobba’uun haadha hiyyeessaa boochisuu itti fufanii jiru.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Qajeelaa iddoo addaa Asbooroo jedhamu keessaa Amajjii 2, 2025 ergamtoonni uummata Oromoo saamuu hojii idilee godhatanii bobba’an loltoonni Abiy Ahimed nama maqaan isaa Obbo Damaraa Gannatii jedhamu jalaa qotiyyoo tokko ooffatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Obbo Damaraan nama nagaa siyaasa tokko illee hin hordofne ta’uu kan eeran maddeen, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo aanichuma ganda Eebbaa iddoo addaa Alamganaa jedhamu irraa maqaa sakattaa jedhuun garasitti bobba’uun “ilma keetu miseensa WBO’ti” jechuun qaanii tokko malee qotiyyoo isaa ooffatanii deemuu himu.

