Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa fi bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti ergamtoonni sirnichaa hawaasa nagaa hidhuu fi achi buutee dhabamsiisuu itti fufan

ONM-ABO Bitootessa 26, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa keessaa Bitootessa 24, 2025 nama maqaan isaa Lalisaa Ayyaanaa jedhamu ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Kana malees, godinuma kana bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessaa ammoo Bitootessa 22, 2025 dargaggoo maqaan isaa Dhaabaa Kabbadaa jedhamu loltoonni impaayerattii badii tokko malee osoo inni daandii irra deemuu ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

Namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkoonni kunneen irratti raawwatamuun dabalataan ibsameera.

Murni abbaa irree uummata Oromoo hacuucee bulchuu barbaadu Bilxiginnaan, loltoota isaa kumaatamaan goleewwan Oromiyaa cufatti bobbaasuun ilmaan Oromoo maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi achi buutee dhabamsiisuu cimsee itti fufee jira.

Exit mobile version