Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti milishoonni murna Bilxiginnaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa wal ta’uun bosona ibiddaan barbadeessaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Amajjii 23, 2025 

Akkuma beekamu waqtii roobaa suuraa ittiin ka’ee miidiyaalee hawaasaa irratti maxxansuuf qofa ashaaraa magariisa jechuun maqaa biqiltuu dhaabuun miidiyaa kan dhiphisu  Koloneel Abiy Ahimed, yeroo lolli WBO itti hammaatee lubbuun kokkee huutee qabdu waan qabee gadi lakkisu dhabuun , “WBO’tu keessa jiraata” jechuun, biqiltuuma  dhaabaa jirraa fi gaaddisa namoota du’aniiti jedhanii ittiin baacan ergamtoota isaa bobbaasuun ibiddaan barbadeessaa jira.

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Fayisaa bakka addaa Sankooraa fi Dugda Boollaa jedhaman gidduutti kan argamu bosona Tulluu Lookoo jedhamu “WBO’tu dawoo godhatee nu rukuta” jechuun Amajjii 19, 2025 milishoonni murna Bilxiginnaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa naannoo sana jiraatan wal ta’anii ibidda itti shiduun bosonni kun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti gubachaa kan jiru ta’uu jiraattonni gandichaa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Sababuma kanaan, bosonicha keessatti kan argaman bineesonni bosonaa gosa garaa garaa kanneen hawwata Turizimiif illee oolan hedduun karaa keessaa ba’an dhabuun fayyaatti ibiddaan waadamaa jiraachuu maddeen himan.

Kana malees, biqiloota gosa addaa addaa hawaasni ija isaa irraa ciratee madda galiif itti fayyadamu biqiltuu bunaa fi qoricha aadaaf fayyadaman dabalatee, kanneen bosonicha keessaa fi ala jiran hedduun isaanii gubatanii barbada’aa jiraachuu fi yeroo ammaas gubaatiin kun saffisa deemaa jiru kanaan qe’ee fi manneen jireenyaa jiraattota naannichaaf illee sadarkaa yaaddessaa irraa kan jiru ta’uun eeramee jira.

Waraanni faashistii kun torbee darbe keessas bosona godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessaa gubanii turuun ni yaadatama.

Exit mobile version