ONM-ABO Ebla 24,2025
Aanaa Lataa Sibuu ganda Inimaayii Somboo jedhamu keessatti waraanni faashistii PP Ebla 17, 2025 shamarran maqaan isaanii:
- Leensaa Lataa fi
- Maartaa Taammanaa
jedhaman badii tokko malee reebichaan erga qaama laalessaniin booda, hidhaatti darbachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Shamarran kunneen maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoof rifeensa footan” jedhuun yakkamanii reebicha irratti raawwatameen qaamni isaanii baay’ee miidhamee yaala tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hiraarfamaa kan jiran ta’uun baramee jira.
Aanaadhuma kana ganda Giddaa Geeboo jedhamu keessaa murni Bilxiginnaa “dabaree dabareen aanaatti milishaa nyaachistu” jechuun Ebla 21, 2025 hawaasa dirqamsiisuun boqqolloo kubbaayyaa 10 manneen irra deemuun funaananii kan jiranii fi warra dhabe irraa immoo qarshii tilmaamanii kaffalchiisanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeranii jiru.
