ONM-ABO Amajjii 14, 2025
Waraanni Bilxiginnaa hidhuuf ajjeesuun ammayyummaa itti fakkaachuun bakkeewwan socho’an maratti maqaa “ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun maatii qabsaa’otaa irratti miidhaa garaa garaa raawwachuu hammeessanii jiru.
Aanaa Lataa Sibuu ganda Muraa Waankii keessaa Amajjii 10, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Saaqqataa Nagaa jedhamu fi ilma isaa Eliyaas Saaqqataa sababa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Saaqqataa fi ilmi isaanii siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun sa’a dorrobaa tokkos jalaa ooffatanii deemuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

