Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Iluu Galaanii fi Liiban Jaawwiitti hidhaa fi saamichi jiraattota irratti raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 19, 2024 

Waraanni maafiyaan impaayerattii kutaalee Oromiyaa cufa keessatti ajaja koloneel Abiy Ahimediin bobbaafamuun, addatti ammoo gandoota baadiyyaatti maqaa sakatta’a WBO jedhuun wayita bobbaafaman hawaasa nagaa sababoota garaa garaa kan akka ilmaan yookaan obboleeyyan keessantu bosona jira, WBO deggertu, daandii agarsiistuu fi k.k.f jedhuun dararaa hamaa irraan ga’aa  jiru.

Haaluma kanaan Sadaasa 12, 2024 waraanni sirnichaa aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee jedhamu keessaa nama maqaan isaa Obbo Bantii Nagaa jedhamu sababa “ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun farda 2 jalaa fudhatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen dararaa isaanii ittuma fufuun aanaa Iluu Galaan ganda Abbakkuu Aannoo bakka addaa Mazooraa jedhamee waamamu irraa maqaa ilma keetu bosona jira jedhuun haadha ijoollee 8 kan taate dubartii maqaan ishee Aadde Tollaanii Deessisaa jedhamtu dabalatee, kanneen biroo Miidhaksaa Dastaa fi Taakkalaa Kabbadaa jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba kan ta’anii fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun dararaa tilmaama hin qabne argaa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Exit mobile version