• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti ergamtoonni Bilxiginnaa shamarran hidhaatti darbachuun, maqaa “nyaata milishaa” jedhuun jiraattota irratti saamicha raawwatan

Apr 24, 2025

ONM-ABO Ebla 24,2025 

Aanaa Lataa Sibuu ganda Inimaayii Somboo jedhamu keessatti waraanni faashistii PP Ebla 17, 2025 shamarran maqaan isaanii: 

  1. Leensaa Lataa fi 
  2. Maartaa Taammanaa 

jedhaman badii tokko malee reebichaan erga qaama laalessaniin booda, hidhaatti darbachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Shamarran kunneen maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoof rifeensa footan” jedhuun yakkamanii reebicha irratti raawwatameen qaamni isaanii baay’ee miidhamee yaala tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hiraarfamaa kan jiran ta’uun baramee jira. 

Aanaadhuma kana ganda Giddaa Geeboo jedhamu keessaa murni Bilxiginnaa “dabaree dabareen aanaatti milishaa nyaachistu” jechuun Ebla 21, 2025 hawaasa dirqamsiisuun boqqolloo kubbaayyaa 10 manneen irra deemuun funaananii kan jiranii fi warra dhabe irraa immoo qarshii tilmaamanii kaffalchiisanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading