ONM-ABO Bitootessa 13, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen dantaa dhuunfaa isaanii qofa dursiifachuu baran, saamicha hawaasa irratti raawwatan jabeessuun, Bitootessa 6, 2025 irraa eegalee daandiitti ba’anii maqaa “dhukkubsattoota gargaarra” jedhuun saamicha raawwachuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Kaabinoonni Bilxiginnaa kunneen dhukkubsattoota gargaaruu yaadanii osoo hin taane, harki isaanii saamicha waan bareef tooftaa baafatanii dhukkubsattoota da’oo godhachuun konkolaachiftoota:
- bajaajii irraa qarshii 400,
- konkolaataa xixiqqaa irraa qarshii 1,200 fi
- konkolaataa gurguddaa irraa qarshii 2,660 guuraa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Aanicha hunda irraa lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan jiranii fi yeroo ammaa kanas konkolaachiftoota qarshii jedhame kaffaluu didan reebicha, hidhaa fi ajjeechaan tarkaanfii fudhataa waan jiraniif sodaatanii kaffalaa jiraachuun bira ga’amee jira.

