• Mon. Sep 14th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Habrootti hidhaa fi saamichi ergamtoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

Mar 14, 2025

ONM-ABO Bitootessa 13, 2025 

Aanaa Habroo araddaa Ifaa Jiruu jedhamu irraa Bitootessa 6, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Nasruu Muktaar jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Jaleewwan Bilxiginnaa aanicha keessatti waanuma isaaniitti fakkaate raawwachuun saamicha ulfaataa hawaasa irratti geggeessaa jiran, guyyaadhuma kana Bitootessa 6,2025 nama maqaan isaa Obbo Adam Aliyyii jedhamu jalaa gaaffii tokko malee jimaa kataara tokko guurrachuun qama’uu fi nama maqaan isaa Obbo Nasruu Muktaar jedhamu jalaa immoo shankoora hanga harki isaanii danda’e cabsatanii nyaachuu fi ooyiruu irraa balleessuu jiraattonni araddichaa itti dabaluun ibsanii jiru.

Kana malees, ergamtoonni Bilxiginnaa kaffaltii gosa adda addaan hawaasa saamaa turan ammallee ittuma fufuun, bifa haarawaan maqaa “ijaarsa gandaa” jedhuun akka araddichaatti qorqorroo baallee 200 ijaaruuf qarshii 2,200,000 itti muruun, nama tokko irraa qarshii 3,000 ol fuudhaa kan jiranii fi namoota kaffaluu didan immoo, “ergama qaama biraa qabda” jechuun miidhaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuun himamee jira.

Loltoonni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti to’annoo tokko malee akkuma argan bobbaafamuun, waa’ee dinagdee ilmaan Oromoof gurra cufatanii fedhii garaan isaanii gaafatu qofa dhimma baasuuf kan kurkuran jiraattota irratti hidhaa fi saamicha raawwachaa jiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading