Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee aanaa Baddannootti caasaan bilxiginnaa buusii miseensummaa jedhanii hawaasa saamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 12, 2024

Murni PP dinagdeen isaa kufuu gaafa baru sababoota adda addaan, afaan qawwee uummatatti garagalfachuun dirqamsiisee maallaqa funaannachuuf hawaasa Oromoo hunda dararaa jira.

Ergamtoonni impaayera Itoophiyaa aanaa Baddannoo araddaa Daadaa Furdaa jedhamu keessatti “namni hundi miseensa mootummaati; gatii buusii miseensummaa kaffalaa!” jechuun qarshii 60-60 afaan qawween dirqamsiisanii uummatarraa funaanaa jiraachuu jiraattonni araddichaa eeran.

Aanuma kana araddaa Gooroo Wadoo keessattis caasaan kun maqaa ‘buusii miseensummaa’ jedhu kana dha’achuun qarshii soddoma soddoma irraa guuraa kan jiran ta’uu kan himan maddeen keenya, namoota kaffaluu didan immoo reebicha garmalee irratti raawwachuun humnaan kaffalchiisaa jiraachuus ONM’f eeranii jiru.

Kana duras, aanicha keessaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun ilmaan hiyyeessaa harkaa gara afaaniin jiraatu kaffaluu qabduun dirqiin dararaa turuun ni yaadatama. 

Exit mobile version