Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Beddellee keessatti maqaa buusii miseensummaa jedhuun hawaasa dararaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Hagayya 26, 2023

Murni Afrikaa keessaa deggertoota hedduun qaba, paartii guddaadha jechuun dhaadatu bilxiginnaan namoota miseensa ta’uu mitii ofiifuu fedhii isaanii malee dirqiin waltajjii ba’aniin maallaqa buusii miseensummaa jechuun dararaa jira.

Sirna paartii hedduu ijaarra, garaagarummaa ilaalchaan hin hiinuu fi paartii morkattootaa jechuun afaaniin siyaasa isaanii miidhekfachaa kan turan murni faashistii barcuma EPRDF dhaale PP’n godina Buunnoo Beddellee ganda Qolloo Sirrii keessatti qonnaan bultootaan paartii keenya deggeruu qabduu fi buusii miseensummaa kan waggaa kaffaluu qabdu jechuun dirqamsiisaa jira.

Jiraataa aanichaa ta’ee namni miseensa PP hin taanee fi buusii miseensummaa hin kafalle jiraachuu hin qabu jechuun ejjennoo paartichaa ibsaa kan turan kaabinootni gandicha keessatti ramadaman, kanneen gandoota aanaa Beddellee birootti ramadamanii hojjechaa jiranis gochuma kana raawwachaa jiraachuun barameera.

Murni faashistii PP qonnaan bultoota siyaasaa irra sanyii filatamaa, xaa’oo fi meeshaalee qonnaa ammayyaa’oon dhiyaatee fi oomisha irraa hafaa oomishanii ofiis gargaaramanii biyyas fayyaduu danda’an maqaa waltajjiin, waan bu’aa hin qabneen mataa jaanjessaa jiraachuu maddeen godina Buunnoo Beddellee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version