ONM-ABO Bitootessa 28, 2025
Murni Bilxiginnaa aanaa Daaboo Haannaa ganda Dhidheessaa bakka addaa Safaraa jedhamutti qonnaan bultoota baay’inaan 15 ol ta’an Bitootessa 26, 2025 qabee hidhuun dhaga’ame.
Sababni hidhamuu qonnaan bultoota kanneenis kaffaltii sirnichi gaafate waan kaffalan dhabuu irraan kan madde oggaa ta’u, kunis inshuraansii fayyaaf qarshii 1760, buusii miseensummaa dhaaba Bilxiginnaaf qarshii 1000 fi kanneen biroo kaffaluu waan dadhabaniif akka ta’e barameera. Namoonni harka qalleeyyiin maallaqa of harkaa hin qabnes dirqama PP’n irratti buuse kana kaffaluu dadhabuun rakkoowwan adda addaaf saaxilamanii akka jiran ibsameera.
Namoota hidhaman keessaa kan maqaa arganne; Bulaa Hambaa, Guutamaa fi Guddataa kanneen jedhamaniidha.
Bilxiginnaan akka fedhetti dhiitee bulchuuf karoora jal’inaa qabatee socho’aa kan jiru yoo ta’u, uummata jiraachuufuu haalli jireenyaa danqaa itti uumee jiru maallaqa humna isaanii olii gaafatee dararaa fi doorsisa irratti raawwachuus cimsee itti fufee jiraachuu jiraattotni yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif qoodan ibsaniiru.

