ONM-ABO Waxabajji 28, 2023
Dheengadda jechuun Waxabajji 26, 2023 baha Shaggar aanaa Liiban cuqqaalaa magaalaa Adulaalaatti qonnaan bultoota baadiyyaa irraa xaa’oo bitachuuf gara magaalichaa deeman erga isaan qarshii baankiitti galchanii xaa’oo fudhachuu dhaqanii murni Biltsiginnaa xaa’oo isinii hin kenninu qarshiis argachuu hin dandeessan jechuun qonnaan bultoota boochisaa oole.
Gochi kun Bulchaa aanaa Liiban Cuqqaalaa Obbo Mariid Tasfaayeen kan raawwatamaa jiru yoo ta’u, guutummaan guutuutti diinummaa isaan uummata Oromoo irratti qaban ifatti kan agarsiiseedha.
Qonnaan bulaan Oromoo dinagdee qonna irratti xiyyeeffateen kan jiraachaa jiru yoo ta’u, saamichaa fi qonnaa irraa qabanii hidhuun itti hanqannaan lafa xaa’oo malee hin qotamne yeroo eeganii xaa’oo dhorkachuun maatii bal’aa agabsuuf Karoora tolfame akka ta’e barameera.
Duruma irraa xaa’oo shiraan haguuganii qonnaan bultoota miidhaa kan jiran yoo ta’u, amma ifaan ifatti qotee bulaa daa’imman isaa agabsee kan bara dhufuuf oomishachuuf waan qabu gurguratee xaa’oo bitachuuf qarshii baankiitti galche dararuun uummata bal’aatti qoosuu akka ta’e jiraattotni miira aariin dubbatu.
Dabalataan bilxiginnaan qonnaan bultoota aanichaa irratti guyyaa gabaa waraana daandiitti bobbaasuun namoota gabaa deeman maqaa gibiraan qarshii namoota gabaa deeman cufa irraa saamaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

