ONM-ABO Sadaasa 2, 2025
Godina Baha Shaggar aanaa Boosat magaalaa Boolee fi gandoota baadiyyaa garaagaraa keessatti ergamtootni murna Bilxiginnaa caasaa olii hanga gadiitti jiran wal ijaaruun qonaan bultoota irratti rakkoo dhiyeessii xaa’oo qaqqabsiisaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru .
Rakkoo cimaa fi walxaxaa shiraan guutameen, dararaa qotee bulaan argaa jiru keessaa tokko dhimma xaa’oo ta’uun qonnaan bultootni oomisha argachuu qaban argachaa kan hin jirre yoo ta’u, Abiy Ahimed qamadii nutti gurguraa hin jirtan waan ta’eef xaa’oo nu hin gaafatinaa jedhee ture.
Saamicha, dararaa fi kiyyoo caasaan sirnichaa maqaa xaa’ootiin ijaaramee taasisu keessattuu waggoota afran darbanii fi ammas itti jiru daran ulfaataa ta’uun xaa’on akka magaalaa Boolee Nuuraa Heeraatti dhiyaatu maqaa gandoota 3 tiin mankuusaa 3 keessatti kan buufamu yoo ta’u, isaanis ganda Qaawwaa, ganda Hulluuqqoo fi ganda Bosee-Dachee jedhamaniidha.
Ganda Qaawwaa keessatti Mankuusa xaa’oo irratti caasaan yuuniyeenii irraa hanga waldaa xaa’ootti ijaaramee faayidaa matayyaa irraa argachuuf jecha kan silaa qotee bulaan gatii murtaawaa fi madaalawaan bitachuu malu gidduutti shira shiranii daldaltoota abbootii qabeenyaa dhuunfatiif dabarsanii, xaa’oon gahaa ta’ee dhufe tooftaa siyaasaaf akka tolutti guyyaa lamaa fi sadii akka waan qotee bulaaf raabsanii fakkeessuuf mankuusaa bananii achi booda deebisanii cufanii osoo qotee bulaan hiriiree dhaabbatuu dhume jechuun daldaltootaf dabarsu. Kana booda qotee bulaan xaa’oo silaa qarshii 3000 bitachuu qabu, fala dhabee dirqamuun kg 50 gatii 4000 hanga 5500 tti bitachaa jiraachuu dubbatu.
Guyyoota 2 fi 3’n mankuusaa banan sanuu namni gibira hin kaffalin tasumaa argachuu hin danda’u jechuun qonnaan bultoota naannicha irraa ari’aa jiru.
Yeroo garii, keessumaa bara qonnaa 2025 milishotaaf raabsanii milishaan achumatti qarshii 1000 gatii jiru irratti dabalatee nutti gurguratee bu’aa irraa buufate fudhatee gatii bu’uuraa kan waldaa deebisaafii turaniiru jechuun himu jiraattonni.
Ganda Qaawwaa irraa koreen gurgutaa adda durummaan daba kana qonnaan bultoota irratti hojjechaa jiru:
1. Sheek Amaan Xosee
2. Golee Tasii
3. Zaaraa Huseen
Ganduma Qaawwaa irratti koree hawaasaa jedhamee hawaasa keessaa PP’n bakka buufamee kan saamtota daldaltoota dhuunfaatii fi Sheek Amaan fa’aaf haala mijeessuun xaa’oo gara dabarsu immoo:
- Ahimad Haaji Maammee,
- Abdulnaasir Ulaa,
- Sheek Usmaa’il fi
- Maammadnuur Caalmacaa kanneen jedhaman ta’uun baramee jira.
Daldaltoota isaani rraa fudhatanii gatii dachaan dabalanii qotee bultootatti gurguran keessaa namni maqaan isaa Dawaan Obsee jedhamu adda duree ta’uu fi inumaayyuu nama gaafa bulchiinsa sirna wayyaanee hojii tikaa hojjechaa ture yoo ta’u, ammas namoota:
- Hiissaa Hajjii,
- Muluu Nuuraa,
- Tamasgeen,
- Arabaa fi
- Doftoree
jedhaman dabalatee hawaasa gandichaa irratti dabaa fi saamicha qindaa’aa raawwachaa jiraachuun ifoomeera.
Yeroo qonnaan bultootni xaa’oo dhabuun akkasitti rakkatan kanatti gareen faashistii PP xaa’oo sirrii hin taane Chaayinaa irra bitee kan galche yoo ta’u, xaa’oo Itoophiyaa seene kun irra guddaan isaa dhagaa ta’uun maallaqni Ahimed Shideefaa irraa kaasee irratti nyaatamuu miidiyaaleen gabaasaa turaniiru.

