Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Balee Gasgaar keessatti xaa’oon dhabamuun qonnaan bultootni rakkachuu fi warreen rakkoo kana iyyatan qabanii hidhaa jiraachuun barame

ONM-ABO Adoolessa 11, 2023

Murni faashistii PP qonni keenya abdachiisaadha, ofirra dabarree nama gargaaruu dandeenyaa fi impaayerattiin guddina irra jiraachuu ibsu, qonnaan bulaa xaa’oo dhabeef dhiyeessu hin dandeenye.

Godina Arsii bahaa aanaa Balee Gasgaar keessatti murni faashistii PP xaa’oo qonnaan bultoota dhorkachuun qonnaan bultootni rakkachaa jiru.

Aanichatti xaa’oo qonnaan bultootaaf dhufe xiqqaa ta’uun qonnaan bultootni amma barbaadanii gadii argachaa fi tasuma dhabaa jiru.

Ganda abbaa warraa 500 ol qabutti xaa’oo ardaba 250 kan ramadan yoo ta’u, isaa keessaas 110faa gurguruun isa kaan dhoksaan baasanii gurgurachaa jiraachuu jiraattotni himu.



Rakkoon kun ganda Koshomoo dabalatee gandoota aanichaa hunda keessatti xaa’oo fi sanyii filatamaa uummata biran ga’uu dhiisuun gurguranii maallaqa irraa argamuun dantaa isaanii guuttataa jiraachuun barameera.

Kana malees namoota gaaffii hanqina xaa’oo kaasuun bulchiinsa aanaa fi waajiira qonnaatti iyyatan ilaalcha biraa qabdu jechuun kan hidhan yoo ta’u, gochi xaa’oo dhoksaan gurguranii maallaqa irraa argachuun qonnaan bultoota dararan kun godina Arsii lamaan keessatti bal’inaan mul’achaa jiraachuu odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version