Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Balee Gasgaar keessatti abbootiin qabeenyaa finxaaleyyii Amaaraa gatii haamaa qamadiitti dabaluun qonnaan bultoota dararaa jiraachuun barame

Godina Arsii bahaa aanaa Balee Gasgaar keessatti abbootiin qabeenyaa finxaaleyyii Amaaraa gatii haamaa qamadiitti dabaluun qonnaan bultoota dararaa jiraachuun barame.
 

ONM – ABO – Amajjii 13, 2023 Oromiyaa keessatti qabeenya horatanii qabeenya argataniin deebisanii uummata dararuu fi saamuu kan ta’e hawwitootni sirna Minilik bakka jiran cufatti wantoota uummata Oromoo miidhu hojjechuu itti fufanii jiru.
 
Torbee kana godina Arsii Bahaa aanaa Balee Gasgaar keessatti abbootiin qabeenyaa finxaaleyyii Amaaraa qonnaan bultoota gandoota akka Adamtuu Jaaroo, Maazeza, Giddaa Googarbar fi Aliilaa irratti koombaayinara qamadii haamu kan kanaan dura keeshaa 1 qarshii 170 hojjetamaa ture, yeroo ammaa kaabinoota aanichaa waliin ta’uun  qarshii 250 galchuun uummata irraa saamaa jiru.
Kana malees maashina abbootii qabeenyaa finxaaleyyii Amaaraa qofa hojjechiisanii kanneen biroo ari’uun sababa gatiin ol ka’ee fi qonnaan bultootni filannoo biraa hin qabneef miidhaan ooyiruu irratti badaa jira.
Abbootiin qabeenyaa finxaaleyyii Amaaraa qarshii dachee Oromiyaa irratti argataniin deebisanii aanaa Balee keessatti sabicha dararan kun maqaan isaanii Damisee Taaddasaa, Kabbee Taaddasaa, Yaared Yirgaachew, Asnaaqaa Shifarraa fi Abarraa Taammanee kanneen jedhaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version