Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Balee Gasgaar keessatti ragaa qabiyyee lafaa namoota irraa funaanaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Guraandhala 24, 2023
Murni bilxiginnaa qonnaan bultoota oomisha isaanii maqaa deggersaan saamuu fi gatii gad aanaan bitee dararuun cinaatti sababa hin beekamneen dhimma lafaan uummata doorsisaa jira.
 
Haala kanaanis torbee kana godina Arsii bahaa aanaa Balee Gasgaar   qonnaan bultoota irraa ragaa qabiyyee lafa isaanii galmeessinee keenya yookiin online goona jechuun dabtara isaa irraa funaanu.
 
Aanaa Balee Gasgaar keessatti dheengadda Guraandhala 22, 2023 gandoota akka Adam Tuujaaroo, Jiddaa Gobarbaar fi Xaqqee keessatti qonnaan bultoota irraa dabtara fuuchaa turuu jiraattotni dubbatu.
 
 
Akka jiraattotni jedhanitti ragaan qabiyyee qonnaan bultoota armaan dura galmaa’ee jiraachuu himuun sababa yeroo ammaa dabtara kana funaananiif akka hin galleef dubbatu.
 
Kana malees maqaa ragaa keessan dijitaala goonaan dabtara jiru galmee duraa yookiin orijinaala isaa fuuchuun garamitti akka deemaa jiru hubachuu dhabuu himu.
 
Murni bilxiginnaa dhimma lafaan wal qabatee nuti lafa a abbootii qabeenyaaf dhiyeessina, isaan ammoo ni misoomsu waan jedhuuf lafa namoota ragaa irraa fuuchaa jiru kana maaliin gochuuf akka deemu nuuf hin galle kan jedhan jiraattota ona Balee Gasgaari.

Exit mobile version