Godina Arsii Bahaa aanaa Balee Gasgaar keessatti murni bilxiginnaa doqddoqqee nama dhuunfaa to’achuun achi buutee dhabamsiisan.
ONM – ABO – Sadaasa 25, 2022 Murni ilmaan Oromoo qabee hidhuun mana hidhaatee baasee dhabamsiisuu bare ilmaa Oromoo godina Arsii bahaa aanaa Balee Gasgaar maallaqa hanga kana eessaa fuutee ittiin doqddoqqee bitatte jechuun erga qabanii hidhaniin booda mana hidhaa baasuun dhabamsiisan. Waraanni murna bilxiginnaa aanaa Balee Gasgaar dhalaataa ganda Adaalee Guulloo kan ta’e magaalaa Balee keessa kan jiraachaa ture dargaggoo Umar Mannaa jedhamu mana qaeshii 250,000tti gurgurachuun doqddoqqee ittiin namoota deddeebisan yeroo bitatutti maallaqa kana Waraana Bilisummaa Oromootu siif galche jechuun doqddoqqee isaan waliin hidhanii turan.
Dargaggoo Umariin erga qabeenyuma isaa irratti badii tokko malee torbee sadii hidhaniin booda mana hidhaa baasuun konkolaataa poolisii 3F irra harka duubatti hidhanii fuudhaniin deemuun bakka isaan geessan hin beekamin jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru. Dargaggoon abbaa fi haati isaa irraa du’anii kan jiranii fi jireenya dhuunfaa isaa fooyyeffachuuf doqddoqqee namootaatiin dhimmamtoota deddeebisuun galii achi irraa argatuun of jiraachisaa ture. Murni bilxiginnaa hojii uumanii hojjechuun badhaadhina impaayerattii ni dhugoomsina jedhee miidiyaan ololu dargaggoota maallaqa horachuuf tattaafatan dabtara qusannoo isaanii ilaaluunii fi qabeenya isaan bitan herrega keessa galchuun maallaqa hanga kana horachuu hin dandeessu, ati hidhata qaama biraa qabdan hojii irraa qabanii hidhuun jireenya isaaniis burjajeessaa jiraachuu haalota argaa jiran irraa dabaluun kan ibsan maddeen aanaa Balee Gasgaari.

