Giddu galeessaa Oromiyaa baha Shaggar ona Liiban Cuqqaalaa keessatti uummatni Oromoo guyyaa guyyaan hidhaatti guuramaa jira.
ONM-ABO Hagayya 17,2022 ilmaan Oromoo maqaa waraana bilisummaa Oromoo nyaachifta, deggerta, odeeffannoo laattaafii akkasumas hidhata waliin qabdu jechuun ilmaan Oromoo gocha isaanii malee yakkuu aadeffate baha Shaggar ona Liiban Cuqqaalaa keessattis sababoota kanaan namoota mana hidhaatti guuree dararaa jira.
Waraanni impaayeerattii akkaataa habashoonni barbaadanitti tiksuufiif hojjechaa jiran kun baatii Hagayya fi xumura Adoolessa keessaa namoota baay’een WBO nyaachisaa jirtu, of keessa bulchituu fi dawoo taataniifii nu ajjeesisaa jirtu maqaa jedhuun hojii idilee isaanii irraa qabuun dararaa hamaa keessa galchanii jiru.
Duulli hidhaa kun ona Liiban Cuqqaalaa keessatti hammaachuun qonnaan bultoota manaa fi ooyiruu irraa kan qabaa jiran yoo ta’u hojjettoota mootummaa ammoo waajjiraa qabanii hidhuun murtoo tokko malee mana teessisaa jiru.
Hidhaan kun kan hammaatee jiru gandoota kanneen akka Agamsa Rogichaa, Dalga Galaa Jiddaa, Muummee Kosooroo, Ilmoo fi Warra Jaarsaa bakkoota jedhamanitti yoo ta’u gandoota kanneen keessaatti hidhaan alatti reebichi, saamichii fi manneen maatii qabsaa’ootaa gubanii barbadeessaa akka jiran jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti dubbataniiru.
Humni waraana faashistii Abiy Ahimed gochoota kana raawwatan poolisoota humna addaa Oromiyaa, farra riphee lolaa fi poolisii idilee Oromiyaa kanneen jedhaman ta’uu jiraattootni ibsuun humni kun ganda keessa deemee guyyuu uummata Oromoon shororkeessaa akka oolu dabaluun ibsaniiru.

