ONM-ABO Bitootessa 21, 2025
Baha Oromiyaa godina Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadootti Bitootessa 18, 2025 badii tokko malee qonnaan bultoota maqaan isaanii Obbo Abaadir Abdallaa Jugee fi Obbo Naasir Kamaal Ibiroo jedhaman irratti reebichi waraana garboomfataa PP’n raawwachuun himame.
Qonnaan bultoonni kunneen badii dalagan qabaataniif osoo hin taane, kaffaltii lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa buusaa gonofaaf qarshii 630 gaafataman kaffaluu dadhabuun akka reebamanis ibsameera.
Reebichi qaama laalessu erga irratti raawwatamees mana yaalaa kam illee akka hin deemne dhorkamanii kan jiranii fi akkuma aanichaatti namoota gatii lukkeeleen Bilxiginnaa yeroo yeroon gaafatan waan fidanii kaffalan dhaban hedduun reebamaa, hidhamaa, qe’ee fi qabeenyaa irraa ari’amaa, manni isaanii irratti saamsamaa akka jirus beekameera.

