ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025
Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooree jedhamu irraa ergamtoonni sirna bututaa suphuuf hawaasa Oromoo miidhaa jiran lukkeeleen Bilxiginnaa Waxabajjii 20, 2025 ganama sa’atii 12:00’tti qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Mahaammad Abdallaa jedhamu sababa tokko malee erga ukkaamsanii booda, “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhanii uleen garmalee reebuun guyyoota 2’f hidhaatti darbatanii dararaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aanaa Baddannoo ganda Gooroo Wadoo jedhamu keessatti Waxabajjii 21, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Mustaqii Muummee Muusaa jedhamu badii tokko malee hidhaatti darbatanii kan turan mana hidhaa keessaa gadi baasanii reebuun harka cabsanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, qonnaan bulaan kun hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne yoo ta’u, badii tokko malee midhaa qaamaa cimaa isa mudateen yaala tokko malee rakkataa jiraachuu dubbatu.
Jaleewwan murna Bilxiginnaa dhimma dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf hawaasa garmalee dararanii gammachuu guutuu argatan, ajaja abbaa isaanii leellisaa Minilik Koloneel Abiy Ahimed irraa itti kennameen bakkayyuu bobbaafamanii halkanii fi guyyaa osoo hin jenne qonnaan bultoota Oromoo hiraarsuu irratti xiyyeeffatanii jiru.

