Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Wallagga lixaa ona Qilxuu Kaarraa keessatti murni bilxiginnaa miseensummaa paartii bilxiginnaa guuutuu qabduu jechuun hojjettoota isaa akeekkachise jira

Godina Wallagga lixaa ona Qilxuu Kaarraa keessatti murni bilxiginnaa miseensummaa paartii bilxiginnaa guuutuu qabduu jechuun hojjettoota isaa akeekkachise jira.

ONM- ABO Onkololeessa 8,2022 Dirree dimookiraasii babal’isnee impaayeeratti keessaatti nagaa fi tasgabbii umnaa jechuun afaan qofan kan ololaan ergamtoonni bilxiginnaa wajjiraale fi seektaara mana hojii mootumma hundaa keessatti amantaa wal irraa dhabuun miseensa paartii bilxiginnaa kan hin ta’iin jirtan hattataman miseensummaa paarticha akka guuttaan jechuun murnii bilxiginnaa murtoo dabarse jira.

Haaluma kanan Godinaa lixa Wallaggaa onaa Qilxuu Kaarraa irraa Onkololeessa 6,2022 eegaluun Walgayii guyyoota lamaaf taasifamen murtoowwan garagaraa dabarsuun hojjeetota Isaanii dorsiisuu fi akeekkachisa turaan

murni bilxiginnaa wareegama qeerroo fi qarree butuun gara Aangootti kan dhufee keessoo Isaa sodaachuu irra darbee namni hojjeetta sirnicha ta’e jiru kamuu Miseensa paartii Badhaadhina fudhachu qaba yoo didees tarkaanfii hojii irraa hari’atamu fi hanga Lubbuutti isin dhabamsiisna jedhanii dhaadhacha turuu isaani hojjettotnii rakkoon kun irraa ga’a jiruu Arraata biyyoolessaa Oromiyaatti himan

Akka hojjettota murnaa bilxiginnaa Onaa Qilxuu Kaarraa Arraatni Biyyooleessa Oromiyaa dubbisee tokko tokko jedhanitti murni bilxiginnaa kufaatiif qarreerraa ga’e jiru kun,rakkoo nageenya impaayeratti keessatti babal’ate jiru sababeffachun amantaa nurraa dhabe nurratti xiyyeeffatee nu dorsisa waan jiruuf ,namni kamuu Waraanaa Bilisummaa Oromoo cinaa dhaabbachudhaan sirna nama nyaata kana of irra fonqolchuu qaba jechuun dhaamsa dabarfatan.

Exit mobile version