Godina lixa Wallagga ona Qilxuu Kaarraa keessatti maqa degggersa raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa fi dirqiin ukkaamsun gara adda waraanitti ergaa jiru.
(ONM-ABO Onk 7, 2022)
Sirni dhufee darbuu impaayeera Itoophiyaa keessatti ummatni Oromoo qabeenya isaatti fayyadamee nagaan akka hin jiraannef saamichaa geggeessaa jiru.
Murni qabsoo ilmaan Oromoo butuun aangootti ol bahe bilxiginnaan sirnoota darban irra miidhaa Ummata Oromoo irraan gahaa jira.
Onkololeessa 5, 2022 ona Qilxuu Kaarraa keessatti konkolaachistoota Baajajii humnaan deggeersa raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaaf jechuun qarshii 2000 kaffaltu jechuun xalayyaa ittiin ga’uun namni hin kaffallee hojii hojjechuu hin danda’u jechuun qarshii saamaa jiru.
Oduma wal fakkaatuun onichuma keessatti qeerroowwan Oromoo humnaan qabuun gara leenjii waraanummaatti erguuf daa’immaan umriiin isaanii waggaa 10 fi isaa gadii osoo maatiin itti bo’anii dirqiisiisun waraanatti ergaa jiru.
Maqaa birmadummaa biyyaatu sarbame jedhuun sirni bilxiginnaa impaayera tiksuuf lubbuu ilmaan Oromoo obbaasa jiraachuu jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaattii himaniru.

