ONM-ABO Adoolessa 26, 2024
Guyyaa guyyaan lukkeeleen Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti jaleewwan isaanii walitti qabuun haala ittiin hawaasa nagaa miidhan irratti karoorsaa kan oolan ta’uun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti caasaan Bilxiginnaa ergamtoota isaanii walitti qabuun haala ittiin hawaasa nagaa miidhan irratti mari’achaa turuun saaxilamee jira.
Araddoota aanicha jala jiran hunda irraa namoota kudha shan shan gara aanichaatti waamuun akkaataa caasaa isaanii itti diriirsan, miseensa baay’isan, akkaataa sabboontota Oromoo itti dhabamsiisuu danda’anii fi k.k.f irratti mariirra turuu icciitiin keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa.
Kana malees, aanaama kana araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessatti “maallaqa buusii miseensummaa dhaabaa” jechuun uummata irraa yeroo lammataaf irra deebiin maallaqa irraa guuraa jiraachuun ifoomeera.

