• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Baha Harargee aanaa Baddannootti ergamtootni Bilxiginnaa haala ittiin hawaasa nagaa miidhan leenjii waliif kennaa jiraachuu fi saamicha cimsanii itti fufuun saaxilame

Jul 30, 2024

ONM-ABO Adoolessa 26, 2024

Guyyaa guyyaan lukkeeleen Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa cufa keessatti jaleewwan isaanii walitti qabuun haala ittiin hawaasa nagaa miidhan irratti karoorsaa kan oolan ta’uun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Baha Harargee aanaa Baddannootti caasaan Bilxiginnaa ergamtoota isaanii walitti qabuun haala ittiin hawaasa nagaa miidhan irratti mari’achaa turuun saaxilamee jira.

Araddoota aanicha jala jiran hunda irraa namoota kudha shan shan gara aanichaatti waamuun akkaataa caasaa isaanii itti diriirsan, miseensa baay’isan, akkaataa sabboontota Oromoo itti dhabamsiisuu danda’anii fi k.k.f irratti mariirra turuu icciitiin keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa.

Kana malees, aanaama kana araddaa Gooroo Wadoo jedhamu keessatti “maallaqa buusii miseensummaa dhaabaa” jechuun uummata irraa yeroo lammataaf irra deebiin maallaqa irraa guuraa jiraachuun ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading