• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti saamichi bifa garaa garaan jiraattota irratti raawwatu jabaatee itti fufe

Jul 30, 2024

ONM-ABO Adoolessa 26, 2024

Yeroo ammaa caasaaleen bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti argaman ajaja waliif dabarsuun maqaa “deggarsa” jedhu dha’atanii waraana isaanii bobbaasuun uummata Oromoo  saamaa kan jiranii fi qe’een uummatichaa rakkoo dinagdeen akka rukutamu gochaa jiru.

Bifuma kanaan, godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 03 bakka addaa ‘Waachaa’ jedhamutti yeroo ammaa lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa “deggarsa milishaa” jedhuun hawaasa irraa dirqamaan mana tokko irraa qarshii 200 guuraa kan jiran yoo ta’u, harka qalleeyyiin ofiifuu jireenya harkaa gara afaanii jiraatan kanneen kaffalachuu hin dandeenye ammoo mana hidhaatti darbatamaa jiraachuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Godinichatti rakkoo kufaatii dinagdee isaan quunname irraa bayyannachuuf yeroo gara yerootti ajandaa garaa garaa bocuun hawaasa saamaa jirachuun ibsamee jira.

Leave a Reply