Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuutti lukkeeleen bilxiginnaa jiraattota hidhaatti guuruu itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 29, 2024

Caasaan Bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin qabnee fi hin beekne ta’uun, Oromummaa hadheeffatanii kan mormanii fi waan ittiin hawaasa hojii isaa hojjetatee jiraatu yakkanii miidhan qofa irratti xiyyeeffachuun hammeenya isaanii kan itti fufan yoo ta’u, gocha isaanii kanaanis godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuutti haala duraan barameen olitti hawaasa hidhaatti guuruu itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Adoolessa 27, 2024 finjaala  alaabaa ABO qabu mana keessan keessatti argine, kanaaf isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun namoota maqaan isaanii Taajoo Adamii fi Muusaa Nugusee jedhaman magaalaa Haroo ganda 01 irraa badii tokko malee qabuun sobaan yakkanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Waajjirri koominikeeshinii aanaa Haroo Limmuu immoo fuula miidiyaa hawaasaa irratti dhoobeen, “injifannoon cimee itti fufeera, finjaala alaabaa ABO qabu qabanne” jechuun maqaa namoota kanaa injifannoo godhee dabaa fi qaanii isaa gabaafatee jira.

Alaabaan Oromoo kan paartiin ABO Finfinneetti seeraan Boordii Filannoo Bilxiginnaatti galmaa’ee karaa nagaan qabsaa’aa jirutti Alabaa Oromoo qabanne yeroo jedhan kan nama qaanessuu fi namoota nagaa ittiin miidhuuf kan karooftan yoo ta’u, yeroo darbes Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti funyoo halluu Alabaa qabu qabanne jechuun shubbisaa turuun ni yaadatama.

Exit mobile version