ONM-ABO Bitooteessa 30, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu magaalaa Haroo irraa waraanni Bilxiginnaa hawaasa dararuuf bobbaafaman nama maqaan isaa Addunyaa Nagaraa fi Tamoo Taaddasaa jedhamu badii tokko malee torban tokko dura mana jireenyaa isaanii keessaa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Addunyaan magaalicha keessaa nama mana suphaa bilbilaa qabu oggaa ta’u, Tamoon ammoo barataa barnoota isaa qofa irratti xiyyeeffachuun jiraatu akka ta’etu dubbatama.
Oduuma wal fakkaatuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Eebantuu ganda Yaa’aa jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa Bitootessa 25, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Addisee Shoonee Adulaa,
- Kaabbii Dayyee Noonnoo,
- Yaadataa Waaqoo Dayyee fi
kanneen biroo baay’inaan hedduu ta’an badii tokko malee ukkaamfamuun waajjira poolisii aanichaatti badii tokko malee garmalee dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himanii jiru.

