Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Haroo Limmuutti waraanni faashistii Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan

ONM-ABO Sadaasa 6, 2024  

Lukkeeleen bilxiginnaa garaa isaanii qofa guuttachuuf jecha haqa sabaa haqaaqanii maqaa “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii ilmaan Oromoo badii tokko malee ajjeechaan lafarraa duguugaa kan jiran yoo ta’u, gocha isaanii itti fufuun godina Baha Wallaggaa  aanaa Haroo Limmuutti qonnaan bulaa tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun eeramee jira.

Aanaa Haroo Limmuu ganda Sagiroo Guddinaa jedhamu irraa Sadaasa 4, 2024 loltoonni goolessituun sirnichaa badii tokko malee mana isaatii gadi baasuun nama maqaan isaa Obbo Jaallataa Fufaa jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka jiraattonni himanitti, Obbo Jaallataan abbaa ijoollee 7 kan ta’ee fi nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne, hojii dhuunfaa isaa qofa hojjetatee kan jiraatu yoo ta’u, loltoota faashistii bilxiginnaan sobaan yakkamuun ajjeefamuu isaa jiraattonni kun itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version