Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee Diggaa fi Saasiggaa keessatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed qonnaan bultoota irratti marsaa sadaffaaf duguuggaa sanyii raawwachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Amajjii 16, 2025 

Aanaa Diggaa ganda Bareeda Sooromaa iddoo addaa Bataskaana Kidaana-Miratii jedhamu keessaa Amajjii 12, 2025 qonnaan bulaa Obbo Duulaa Addunyaa jedhamu abbaa daa’ima 4 kan ta’e, loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee mana isaa keessaa gadi baasuun balbala mana isaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen himan.

Kana malees, yerooma wal fakkaataatti ollaadhuma isaatii qonnaan bulaa Obbo Ittafaa jedhamu fi kanneen biroo maqaan isaanii adda hin baane irrattis ajjeechaa rifaasisaan kun raawwatamee jiraachuun eeramee jira.

Duulli duguuggaa sanyii kun jabaatee ittuma fufuun, godinuma kana aanaa Saasiggaa ganda Haroo Guddinaa jedhamu keessaa ammoo guyyuma kana halkan toora sa’a 3:00’tti nama maqaan isaa Waggaarii Gammachuu jedhamu mana isaatii hoggaa inni gadi ba’u loltoonni sirnichaa rasaasa itti roobsanii madeessuun, yeroo ammaa Hospitaala magaalaa Naqamtee keessatti du’aa fi jireenya gidduutti kan argamu ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanichuma gandoota Walqixxummaa fi Hora Waataa jedhaman keessaa Amajjii 12 fi 13, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Girmaa Nagaraa,
  2. Misgaanuu Taammiruu,
  3. Iyyaasuu Amsaaluu,
  4. Tasgaraa Olaanaa,
  5. Alamaayyoo Wadaajoo fi
  6. Yooseef Qanaa’aa jedhaman 

ammoo badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version